Mallattoowwan dubartiin dhiira hin jaalannetti agarsiiftu

 



 .


◉ Dubartiin mallattoo sin barbaaduu kan agarsiiftu ifa baastee sitti himuun oolmaan ati ooltef itti ulfaachuu waan danda'ufi hiriyummaa kee dhabuu waan hin barbaannefi. Sin jaaladhu jechuurra mallattoon sitti agarsiisun itti salphata. Tokko tokko immoo si qoruuf jecha waan si hin jaalanne of fakkeessuu danda'u. Kadhaa kee barbaaddes ta'uu mala. Bu'aa ba'ii tokko malee tole kan jedhan akkuma jiran, warri lafarra nama foqoqsanii tole jedhanis guutaniiru. Yeruma tokkoon tolee siif jechuun si biratti ishii tuffachiisuu danda'a. Yoo jaalala keef iddoo hin qabne taate:


➊ Hin qophoofni jetti


➵ Hariiroo jaalalaatif qophooftuu akka hin taane sitti himti. Nama heedduu walitti dhiyaattan yoo taatan yeroon itti yaadu naaf laadhu sin jetti. Intala hiriyaa kiyya jettee icciitii ishii sitti odeessitu waan biraatif akka ishii barbaaddu gaafa itti himtu rifachuu dandeessi. Daangaa hiriyummaa fi jaalalummaa addaan baasii beeki.


➋ Bilbila si jala hin kaastu


➵ Yeroo hunda sumatu bilbilaaf. Isayyuu sijalaa hin kaasti. Bilbila ishii irratti dhaanuun kee nuffisiisera. Sagalee dhuma kee dhaga'uu hin feetu. Waan si'a dhibba deebistee bilbiltee fi jeeqxeef koo taati jettee hin yaadin. Amma amma namatti bilbiluurra wanti nuffisiisan biraa hin jiru. 


➌ Siif hin deebistu


➵ Xalayaan ati barreessituuf deebii hin qabu. Facebook, Telegram, Imo gubbaarrattis ammuma ishii online gubbaarra jiraachuu agartu jecha 'hi' jedhuun iddoo message dhiphisteerta. Ishiin immoo bantee dubbistee hin beektu. 


➍ Ijaan argaa kee jibbiti


➵ Suma arguu hin feetu. Ijumaan argaa kee jibbiti. Faallaa oolmaa keetii oolti. Tasa osuma karaanuu walitti sin fidee daandii biraa sirraa cabsatti. Ati gowwaan immoo faana fi gaaddidduu ishii hordoftee sochoota.


➎ Si hin ilaaltu


➵ Ija ija keessa si hin ilaaltu. Si wajjin tuttuqaa hin uumtu. Dubarri yoo si jaalatte ija sirraa hin buqqifattu. Sababa funaantet sitti bubbuuti. Tokko tokko immoo dhokataniituma si ilaalu. Dubarri ija babaastee waan si ilaaltef immoo tilmaama dogongoraa keessa akka hin galle.


➏ Dhiira biraa sitti faarsiti


➵ Dhiirota biraa sitti faarsiti. Abalu bareedadha, kana qaba sana qaba jette si hinaafsisti. Dubarri ati onee keetirraa jaallattu yeroo dhiira biraa sitti faarsitu caala wanti keessa kee gubu jiraa? @garritube


➐ Dubartii biraa si barsiifti


➵ Dubara biraa waliin akka ati hariiroo jalqabdu haala siif mijeessiti. Dubara biraa bira si fuutee deemti. Kophaatti sin dhiiftee qajeelti. Kana kan gootu dubartii hiriyummaa kee dhabuu hin feene qofa. Ati jaalallee ishii ta'uuf sammuun ishii tole jedhee waan hin fudhanneefi.


➑ Siif hin kofaltu


➵ Qoosan ati ishii kofalchiisuf qilee buutee fiddu ishii hin kofalchiisu. Ilkaan ishii mitiitii fuulli ishiiyyuu hin warraaqu. Maal akka ati xibaarteyyuu ishiin si hin dhageenye. Kan si jaalatte garuu qoosaa kee miti gazexaayyuu yoo dubbisteef sin quuftu.


➒ Karoora kee balleessiti


➵ Karoora kee si jalaa balleessiti. Sa'a shanitti si beellamteet kudhanitti si bira geessi. Yoo

barbaadde hin dhuftuyyuudha.


❿ Dhiira biraa sammuudhaa qabdi


➵ Dhiirri ishiin sammuutti baattee deemtu gonkumaa si hin fakkaatu. Gurbichi biifti isaa, dhaabbin, yaadni, dubbiin, haalli uffannaa isaa hunduu keetin wal hin fakkaatu. Fiilmii gubbaarra jira.


⓫ Yeroodhaf sitti maxxanti


➵ Tokko tokko immoo akka yeroo dabarfannaatti sitti maxxanuu dandeessi. Kuni gaaridha. Wanti uumamu waan hin beekamneef si jaallachuu dandeessi. Dhiirri si caaluu dhufnaan garuu qullaatti hafuu keeti.


⓬ Hiriyoota ishii waliin si dubbisti


➵ Yeroo hundayyuu hiriyoota ishii guurrattet si dubbisti. Kophaa ishii si dubbisuun waan jibbisiisefi. Gabaabumatti sin jaalattu. Hiriyaa ishii biratti gaaffii jaalalaa akka ati hin kaafne waan beektufi.


◉ Kana hunda osuma beektuu diddee otuma jaalala jalqabdaniiyyuu itti fufiinsa hin qabaatu. Gubannaa isaatu caala. Osuma beekanii ramaxa ibiddatti of gatuu ta'a. Filannoon ati qabdu ishii irraanfattee dubartii biraa ilaallachuudha. 

.

Like and follow us on Facebook

         👇👇👇👇

https://www.facebook.com/2090625344292740/

https://www.facebook.com/101305538392729/


Subscribe our 🆈🅾️🆄🆃🆄🅱️🅴 channel

        👇👇👇👇

https://m.youtube.com/channel/UCw_CS8y2cgHntj0jhjxKtng


Join our telegram channel

         👇👇👇👇

https://t.me/joinchat/UuDjiFuxOX56CFcM


Yaada fi gaaffii dhaaf 

      👇👇

   t.me/aceekoo 

.

Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

Yeroo Walqunnamtii Saalaa Wantoota Dubartoonni Taasisuu Qaban