Posts

Showing posts from September, 2022

Yeroo Walqunnamtii Saalaa Wantoota Dubartoonni Taasisuu Qaban

Image
    .                                          ◈  Dubartiin yeroo walqunnamtii saalaa fedhii ishii baatee gaammaduuf wantoota dhiirri taasisurra gochoota ofii ishiitif yeroo walqunnamtii saalatii fi dursa taasistutu irra murteessadha. Ofii ishiitti fedhii ba'uu bira dabartee jaalalleen/dhirsi ishii akka sirritti ishii jaalatu, ishii mi'eeffatee yeruma hunda akka ishiin barbaaddutti akka inni ta'uufitti isa gammachiisuu dandeessi. . ➊. Iftooman gaafadhu. Dhiirri yeroo ati ofitti amanamummaa godhattee gaafattu itti tola. Ija jabaachuudhan gaafachuun gaaridha. Akka inni yeroo biraa fedhii horatee ofiif si gaafatu ni taasisa.   ➋  Waa'ee Walqunnamtii saalaa itti odeessuu : Yeroo dubartiin waa'ee Walqunnamtii saalaa itti haasoftu fedhiin dhiiraa ni dabala. Qaamni saalaa isaa bakka rafee jiruu dammaqa.   . ➌ Qophooftuu : Dhiirri  Yeroo hunda qunnamtii fedha. Ati fedhuu baattus isaa jettee akka kajeelte itti himuu qabda. Diduun kee waanuma hundaanuu akka si dheessu waan go

Mallattoowwan dubartiin dhiira hin jaalannetti agarsiiftu

Image
   . ◉ Dubartiin mallattoo sin barbaaduu kan agarsiiftu ifa baastee sitti himuun oolmaan ati ooltef itti ulfaachuu waan danda'ufi hiriyummaa kee dhabuu waan hin barbaannefi. Sin jaaladhu jechuurra mallattoon sitti agarsiisun itti salphata. Tokko tokko immoo si qoruuf jecha waan si hin jaalanne of fakkeessuu danda'u. Kadhaa kee barbaaddes ta'uu mala. Bu'aa ba'ii tokko malee tole kan jedhan akkuma jiran, warri lafarra nama foqoqsanii tole jedhanis guutaniiru. Yeruma tokkoon tolee siif jechuun si biratti ishii tuffachiisuu danda'a. Yoo jaalala keef iddoo hin qabne taate: ➊ Hin qophoofni jetti ➵ Hariiroo jaalalaatif qophooftuu akka hin taane sitti himti. Nama heedduu walitti dhiyaattan yoo taatan yeroon itti yaadu naaf laadhu sin jetti. Intala hiriyaa kiyya jettee icciitii ishii sitti odeessitu waan biraatif akka ishii barbaaddu gaafa itti himtu rifachuu dandeessi. Daangaa hiriyummaa fi jaalalummaa addaan baasii beeki. ➋ Bilbila si jala hin kaastu ➵ Yeroo hunda suma